Waajjirri Kantiibaa Bulchiinsa Magaalqa Shaggar, Biiroo Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee irraa muuxannoo qooddate
Kaayyoon muuxannoo waljijjiirraa kun, Waajjirichi ergamaa fi ittigaaafatamummaa olaanaa qabu sirnaan bahachuun itti quufinsaa fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf galma qabatee hojjechaa jiru milkeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu Ittigaafatamaan Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Agenyew Fiqiruu himaniiru.Sagantaan muuxannoo wal jijjiirraan kun qindoominaa fi michooma Bulchiinsi magaalaa Shaggarii fi Magaalaa Finfinnee gidduu jiru cimsuun, milkaa’ina hojiiwwan waloon…
