Kaayyoon ‘Investiment Group Shaggar’ fayyadamummaauummataa fi Mootummaa gama dinagdeen mirkaneessuudha”Abbabaa Kabbadaa (PhD)
“Investiment Group”n Magaalaa Shaggar, Dhaabbata qorannoo fi qaawwa misoomaa mul’atan irratti
hundaa’uun hojiiwwan garagaraa gama teknoloojii, tajaajilootaa fi dinagdeen hawaasa bu’a-qabeessa
taasisuuf walitti hidhaminsaan hojjetudha.
Keessumattuu, hojiiwwan gama dinagdee fi teknoloojiiwwan ammayyaa’aatiin Magaalaa Shaggar
dorgomaa taasisan milkeessuuf qorannoo taasisuun dhaabbileen misoomaa akka hundaa’an taasisuun
qindoominaa fi walitti hidhaminsa cimaadhaan hojjechaa jira.
Hojiiwwan kanaanis, dinagdee dijiitaalaa cimsuun carraawwan hojii fi sirni daldalaa Idil-Addunyaa
sharafa biyya alaa argamsiisuun guddina dinagdee utubu akka uumamu taasisuun fayyadamummaa
hawaasaa mirkaneessaa jira.
Bu’a-qabeessummaa Garechaa cimsuufis Intarpiraayiziiwwan dameewwan garagaraa ja’a (6)irratti
hojjetan of jalatti hundeessuun hojjechaa kan jiru yoo ta’u, dameeleen kunneenis Tajaajilaa geejjibaa
fi loojistikii, dhaabbata ijaarsaa, Albuuda, Qonnaa fi teknoloojii irratti kan hojjetanidha. Dhaabbileen
kunneenis madda galii uummachuun of danda’uurra darbanii carraawwan hojii dhaabbii fi yeroo
lammiilee kuma 20 ta’aniif uumuu danda’aniiru.
Kana malees, dhaabbileen kunneen hawaasa Naannoo fayyadamaa taasisuuf hojiiwwan tajaajila
lammummaa hojjetaniin rakkoowwan hawaas-dinagdee furuu fi galii Mootummaa guddisuu keessatti
gahee ofii bahachaa jiraachuu Hoji-gaggeessaa ‘Invesimenti Giruuppii Magaalaa Shaggar Abbabaa
Kabbadaa (PhD) himaniiru.
Dorgommii dijitaalaayizeeshinii Addunyaan irra jirtu keessatti cichoomina, qindoominaa fi walitti
hidhaminsaan hojjechuun kaayyoowwan mana hojichaa kan ta’e fayyadamummaa dinagdee
uummataa fi mootummaa milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu kan himan Abbabaa
Kabbadaa (PhD), bu’aawwan hanga ammaatti argamanis agarsiistuu milkaa’ina kaayyoo isaanii ta’uus
eeraniiru.
Interpiraayiziin “Business Processing Outsource” (BPO), Dhaabbilee Investimenti Giruuppii
Magaalaa Shaggar jalatti hundaa’uun dameewwan teknoloojii fi dinagdee dijitaalaa irratti hojjetu
keessaa isa tokko yoo ta’u, Ogummaa teknoloojii qunnamtiiwwan garagaraa fi carraawwan hojii
dijitaalaa biyya alaa uumuuf hojjechaa kan jirudha.
Kunis, dinagdee dijitaalaa cimsuun sharafa biyya alaa argamsiisuun guddina dinagdee mirkaneessuuf
kaayyeffatee michuuwwanii fi dameewwan isaa waliin sadarkaa Idil-Addunyaatti hojjechaa jiraachuu
Hoji-gaggeessituu Olaanaa Interpiraayii BPO Shaggar Shamarree Maartaa Indaaluu himaniiru.
Imala dijitaalaayizeeshinii fi ammayyummaa Magaalaa Shaggar dhugoomsuufis leenjiiwwan
gaggabaaboo ogummaa gonfachiisuu irratti xiyyeeffatan kennuun cinatti mosaajiiwwan garagaraa
misoomsaa jiraachuu kan himan Shamarree Maartaa Indaaluu, kunis dorgomtummaa Magaalaa
Shaggar kan guddisu ta’uu kaasaniiru.
