Shaggar; Magaalaa Dinagdee fi Giddu-gala InvestimentiiFayyadamummaa Uummataa Mirkaneessaa Jirtu!

Wantoota guddina dinagdee Magaalaa tokkoof murteessoo ta’an keessaa sochiin investimentii isa
tokkodha. Kunis, oomishtimmaa fi madda galii guddisuu, carraawwan hojii uumuu fi tajaajiloota
misooma hawaasaaf oolan dagaagsuun fayyadamummaa uummataa guddisuu keessatti gahee
oolaanaa qaba.
Mootummaan damee investimeentii keessatti hojii bal’aa hojjechaa jiruun bu’aan jajjabeessaan
galmaa’aa jira. Kanaafis, imaammattoota fooyya’oo diriirsuun, tajaajila mootummaa ammayyeessuu
fi haala invastimeentiif mijataa uumuu irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.
Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa misoomawwan dinagdee biyyaa utubuu fi guddisuu
keessaatti iddoo olaanaa qabu. Guddina biyya keessatti shoora olaanaa taphachaa jiraniif
mootummaan Paartii Badhaadhinaan hoogganamu tarsiimoo gama kanaan jiru bocee Investetootaa fi
abbootii qabeenyaaf haala mijeessuun hojii hojjechaa jiruun bu’aan dinagdee mul’achaa jira.
Kanaanis, dinagdee biyyaa jijjiiruu keessatti shoora olaanaa ba’uu cinaatti hojii dhabdummaa hir’isuu
keessatti gahee olaanaa qaba.
Magaalaan Shaggar, Magaalaa yaadama haaraaf guddina ijaarsa dinagdee investimentii babal’isuuf
carraawwan qabdutti fayyadamuun sochiiwwan investimentii bu’a-qabeessa taasisuuf hojjechaa jirtu
yoo taatu, kana galmaan gahuufis sirna simannaa fi bulchiinsa investimentii ammayyeessuun
galmoota Magaalichaa dhugoomsuuf hojii hojjetameen bu’aawwan hedduun argamaa jiru.
Keessumaa, haalli teessuma lafaa, qilleensa baramaa, lafti qonnaaf mijataa ta’e jiraachuu akkasumas
giddu-gala loojistikii ta’uu fi bu’uuraalee misoomaa jiraachuun Magaalicha invastimantiif iddoo
filatamaa taasiseera.
Giddu-gala dinagdee carraawwan misooma investimentii babal’isuuf guddaa qabaachuu fi
pootenshaala investimentii hedduu sektaroota baay’een hojjetaman Investaroota biyya keessaa, alaa
fi misoomsitoota lafa qonnaa kenname irratti akka sirna bulchiinsa ramaddii lafaa nageenya
fooyya’aa, simannaa investimantii ifa ta’ee fi qajeelfama labsii qabu irratti hojjetameen bu’aa gariin
argamaa jira.
Rakkoowwan misooma investimentii babal’isuuf hundeeffama magaalaa Shaggariin dura ture
fooramii fi mariiwwan garaa garaa investeroota wajjin gaggeessuun akka hiikamu ta’ee, walitti
dhufeenya abbootii qabeenyaa, qonnaan bultoota adda duree fi bulchiinsaa gidduu jiru cimsuun
babal’inaa fi bu’a qabeessummaan Investmentii magaalichatti akka cimu taasisuun danda’ameera.
Babal’ina misooma Investimentii Magaalaa Shaggaritti hojjetaman kunis, pootenshala lafa
investimeentii adda baasuun qopheessuu fi dabarsuu, hojii regulaatoorii gaggeessuun akkaataa
hojimaataa fi seeraa bu’uura godhachuun mirga abbaa qabiyyumma uumuun al-seerummaa lafa irratti
gaggeeffamu hambisaa deemuu fi lakka’iinsa lafaa gaggeessuun ragaa lafaa adda baasanii beekuun
rakkoo jiru bu’uura irraa furaa deemuun dhimma ijoo ta’ee xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa turedha.
Haala mijataa uummame kanaan inveesteroota addaa addaa biyya keessaa fi alaatiin damee
investimentii addaa addaa irratti bobba’uun hojii hojjetameen bu’aawwan gurguddoon galii guddina
dinagdee biyyaa bu’uura jabaa irra dhaabuu danda’an waggoottan muraasa keessatti galmaa’uu
danda’eera.
Kunis, dameewwan investimentii manufaakcheriingii, tajajilas fi qonna irratti investeroota, abbootii
qabeenyaa idilee, kan biyya alaa, diyaaspooraa, qonnaan bulaa, IMX fi waldaalee hojii gamtaa
dabalatee waliigalaan investarootni 5,115 ta’an dameewwan kanneen irratti bobba’uun hojjechaa jiru.
Investerroonni kallattii garaa garaan damee hojii investimentii addaa addaa irratti babba’anii
hojjechaa jiran kaappitaala qarshii biiliyoona 200 ol kan galmeessan yoo ta’u, waggoottan sadan
darbanitti oomishaa al-ergii toonii 131,925 irraa galiin Doolaarri biliyoona 2,482 argameera.
Magalaan Shaggar wiirtuu siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi giddu-gala qaroominaa ta’uun
namootni hedduminaan keessa jiraatanidha. Keessumattuu, carrraawwan misoomuu fi bu’uuraalee
misoomaatiin guutamuun ammoo fedhii lammiileen magaalicha keessatti hojjechuuf qaban
dabaleera. Bara kana qofa investarootni 167 deeggarsa bulchiinsa Magaalaan lafa invastimantiif
qophaa’e irratti ijaarsa jalqabaniiru.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

About

The official website of the Shaggar Mayor’s Office, committed to transparent governance and community-centered development.

Contact Info
Follow Us
Shaggar Mayor's Office © 2026. All rights reserved.