Industirii Konistiraakshinii ammayyeessuun ijaarsa MagaalaaEgeree dhugoomsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu WaajjirriKonistiraakshinii Magaalaa Shaggar beeksise

Wantoota ammayyummaafi guddina Magaalaa murteessan keessaa hojiin damee konistiraakshiniin
hojjetamu isa tokkodha. Hojiiwwan Industirii konistiraakshinii ammayyeessuunis ijaarsawwan
istaandardii isaanii eeggatan babal’isuun hawwattummaafi dorgomtummaa Magaalaa roga maraan
dabaluu keessatti gahee olaanaa qaba.
Shaggaris Magaalaaa yaadama jaarraa 21ffaatiin kaayyoowwan fayyadamummaa uummataa
mirkaneessan qabachuun hundooftedha.
Dorgomtummaa Magaalichaa dabaluun ijaarsa Magaalaa Egeree dhugoomsuufis hojii gama Industirii
Konistiraakshiniitiin hojjetamaa jiruunis diizaayinii ijaarsaa ammayyeessuu, qulqullinaafi gahumsa
hojiiwwan ijaarsaa mirkaneessuu akkasumas hojiirra oolmaa dizaayinii ijaarsaa akkaataa istaandardii
idil-Addunyaan hojiirra Oolchuun hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan, Magaalichatti Industirii konistiraakshinii ammayyeessuun Ijaarsa Magaalaa Egeree
dhugoomsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Waajjirri Konistiraakshinii Magaalaa Shaggar
beeksise.
Waajjirichi hojii hojjeteen Industiriiwwan Konistiraakshinii istaandardii Magaalota Addunyaatiin
wal-simsiisuun hojjechaa kan jiru yoo ta’u, kanaanis bu’aawwan gama hawwattummaa Magaalaafi
qulqullina Piroojeektiiwwaniin argamaniiru.
Hojii qulqullina ijaarsaafi diizaayinii Piroojeektiiwwanii eegsisuuf hanga ammaatti hojjetameenis
Piroojeektiiwwan garagaraa Mootummaadhaan hojjetamaa jiran 439 mirkaneessuun qulqullinaan
akka hojjetaman taasisuun kan danda’ame yoo ta’u,kanaanis qisaasama baajeta Mootummaa
mudachuu danda’u birrii miliyoona 365 hambisuun danda’ameera.
Industirii Konistiraakshinii ammayyeessuun rakkoowwan ijaarsawwan garagaraa keessatti yeroofi
qulqullinaan wal-qabatee mudatu hambisuufis tekinooloojii Odeeffannoo ijaarsaa dhiyeessu
diriirsuun hojjetamaa jira.
Kana malees, industiriiwwan ijaarsaa Magaalichatti hojjetaman akkaataa diizaayinii, istaandardiifi
ulaagaalee fayyadama lafaa taa’een akka ijaaramaniif hojjechaa jiraachuu kan himan ittigaafatamaa
Waajjira Konistiraakshinii Magaalaa Shaggar Injinar Galmaa Gamarroo, dhaabbilee ulaagaafi
istaandardiin ala ijaarsa raawwatan irrattis tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuus eeraniiru.
Tajaajiloota mana hojichaatti kennaman irraas baatiiwwan saddettan darbanitti galiin birrii miliyoona
375 kan walitti qabame yoo ta’u, bu’a-qabeessummaa dameen Konistiraakshinii guddinaafi ijaarsa
Magaalaa Egeree keessatti qabu cimsuufis dhaabbilee Investimentii 183 damecha irratti simatamuun
hojiitti galuus ibsaniiru.
Gama biraatiin damee kanaan baatiiwwan saddettan darbanitti hoji-barbaaddota 7500 ta’aniif
carraawwan hojii dhaabbiifi yeroo uumuun kan danda’ame ta’uu Injinar Galmaa Gamarroo himaniiru.
Hojii Ijaarsa Egeree dhugoomsuufis qulqullinaafi diizaayinii Piroojeektiiwwanii akkaataa itti
fayyadama lafaafi ulaagaa Addunyaatiin milkeessuun Magaalaa dorgomtummaa Magaalichaa roga
hundaan dhugoomsuuf tumsi qaamolee qindoominaa cimuu akka qabus Injinar Galmaa Gamarroo
dhaamaniiru.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

About

The official website of the Shaggar Mayor’s Office, committed to transparent governance and community-centered development.

Contact Info
Follow Us
Shaggar Mayor's Office © 2026. All rights reserved.