Hawaasa fayyaa-qabeessaa fi dorgomaa ta’e horachuuf gaheendhaabbilee fayyaa olaanaadha” Obbo Girmaa Hayiluu

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti namoota rakkoo ijaa (dhibee tiraakoomaa fi mora ijaa) qabaniif
tajaajila baqaqsanii yaaluu bilisaa kutaa Magaalaa Buraayyuu buufata fayyaa Aannee Diimaatti har’a
kennamuu eegale.
Tajaajilli baqaqsanii yaaluu bikisaa kun dhaabbata gargaarsaa ”Fred Hollows Foundation” waliin
ta’uun jiraattoota kutaa Magaalichaa fi naannoo isheetti argamaniif dhaadannoo ”Dursinee yaalamuun
Ija Keenya Jaamummaa irraa haa eeggannu” jedhuun kennamaa jira.
Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Qindeessaan Kilaastara Qonnaa fi Misoomaa Magaalaa Shaggar
Obbo Girmaa Hayiluu, Mootummaan hawaasni tajaajila fayyaa ammayyaawaa fi dhaqqabamaa ta’e
akka argatuuf inisheetiivoota adda addaa bocuun hojii hojjetameen bu’aan fayyadamummaa
uummataa mirkaneessan argamuu akka danda’ame himanii, Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Biiroo
Fayyaa Naannoo Oromiyaa fi dhaabbilee adda addaa waliin hojjechuun hawaasni magaalichaa
tajaajila fayyaa si’ataa fi dhaqqabamaa akka argatuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru
dubbataniiru.
Tajaajila fayyaa ammayaa fi teknoloojiin deeggarame hawaasni akka argatuuf bulchiinsi magaalaa
Shaggar bajata hedduu ramaduun Hospitaaloota, Buufata Fayyaa fi bu’uuraalee fayyaa adda addaa
babal’isaa jiraachuu obbo Girmaan dabaluun kaasanii, Qaroo ijaa qabeenya dhala namaaf murteessaa
ta’ee fi sochii hawaas – dinagdee milkeessuuf qooda olaanaa qabu bilisaan yaaluun rakkoo ijaa
hawaasa keenyaa furuuf qaamolee tumsan galateeffatanii yaaliin bilisaa kun kutaalee magaalaa
hunda keessatti babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Bulchaa Kutaa Magaalaa Buraayyuu Obbo Abaatee Asraat mootummaan jijjiiramaa hawaasa
fayyaaleessa sochii misoomaa, nageenyaa fi hawaasummaa irratti hirmaatu horachuuf
xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru himanii, kutaa Magaalichatti hawaasni tajaajila fayyaa
dhaqqabamaa akka argatuuf dhaabbilee miti mootummaa fi inisheetiivoota mootummaa bocamuun
gadi bu’an hojiitti hiikuun hojjechaa akka jiran dubbataniiru.
Itti Aanaa Waajjira Fayyaa Magaalaa Shaggar Obbo Adaanaa Kabbadaa Fayyaan Ijaa qabeenya
murteessaa fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhiisuu dhala namaa murteessuu akka ta’e ibsanii,
rakkoon dhibee ijaa sadarkaa addunyaatti namoota miliyoona 90 ol ,sadarkaa Afrikaatti namoota
miliiyoona 6.9 ol akkasuma akka Itoophiyaa namoonni kuma 500 hubaa jiraachuu dubbatan.
Dhibeen ijaa sochii hawaas – dinagdee irratti dhiibbaa akka qabu obbo Adaanaan dabaluun himanii
waajjirri Fayyaa Magaalaa Shaggar Biiroo Fayyaa waliin rakkoo dhibee ijaa furuuf hojjechaa akka
jiran himanii, sagantaa yaalii bilisaa dhibee ijaa kennamaa jiruun namoota kuma 200f yaalii
baqaqsanii yaalu bilisaa kennuuf hojjechaa akka jiraniis ibsaniiru.
Sadarkaa itti Aanaa kantiibaa Magaalaa Shaggariitti qindeessaan kilaastara qonnaa fi misoomaa
Obbo Girmaa Haayiluu, itti Aantu Af – Yaa’ii Mana Maree Magaalaa shaggar kabajamoo Aadde
Tsaahay Dabalee fi hooggantootni sadarkaa sadarkaan jiran saganticha irratti argamaniiru.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

About

The official website of the Shaggar Mayor’s Office, committed to transparent governance and community-centered development.

Contact Info
Follow Us
Shaggar Mayor's Office © 2026. All rights reserved.