Magaalaa Shaggaritti baatiiwwan saglan darbanitti dhimmootnihawaasaa 5,304 gaaddisa mana murtii Aadaa jalatti furmaataargataniiru.
Manni murtii Aadaa humna Waloo haqa-Waloo mirkaneessuun Aadaa Uummataa iddootti deebisuun
waliin jireenyaafi hariiroo hawaasaa roga gaariin ijaaraa jiruu keessatti gahee olaanaa qabudha.
Humnoota waloo tumsa hirmaannaa uummataan faayidaa hawaasummaafi waliin jireenya
uummataaf hojiirra oolfaman keessaa manni murtii Aadaa isa tokko yoo ta’u, kunis hawaasni wal
dhabdeewwan mudatan duudhaa ganamaan akka furatan taasisuurra darbee ragaawwan sobaa
hambisuun dhugaa hawaasa keessa jiru akkaataa Aadaafi duudhaa waliin jireenyaa cimsuun kenninsa
murtii haqaa kan mirkaneessudha.
Kana malees saaxilamummaa deddeebiifi baasii maallaqaa irraa hawaasa baraaruun qajeeltoo
duudhaa sirna Gadaatiin haqa waloo uummataa gaaddisa Odaa jalatti furuun cabaafi daba duudhaa
Uummata Oromoo irra ture qolachuu keessattis tarkaanfiin kun gahee olaanaa qaba.
Mootummaan naannoo Oromiyaas beekumsa bulchiinsa sirna Gadaa irraa waraabame
bu’uureffachuudhaan kenninsa sirna haqaa Aadaa waliin jireenyaafi duudhaa ganamaa bu’uureffate
hojiirra Oolchuuf xiyyeeffannoon hojjechaa kan jiru yoo ta’u, kanaanis gama tokkoon hariiroo gaarii
hawaasa gidduutti cimsuun sonawwan duudhaa sirna Gadaa bakkatti deebisuun ijaarsa sirna haqaa
dhugoomsuu gama biraan ammoo sirna haqaa dhugaa irratti bu’uure akka Aadeffatamu taasisa.
Magaalaa Shaggarittis haqa waloo Uummataa mirkaneessuuf hojii Mana murtii Aadaatiin
hojjetameen baatiiwwan saglan darbanitti dhimmoota dhimmootni hawaasaa 5,304 furmaata
argataniiru. Dhimmoota kanneen keessaa 5,168 manneen murtii sadarkaa jalqabaatiin kan furaman
yoo ta’u, 163,ammoo gaaddisa mana murtii Aadaa ol-dabarfataa jalatti kan furamanidha.
Magaalichatti haqa waloo mirkaneessuuf manneen murtii Aadaa sadarkaa jalqabaa Aanaalee 36 fi
manneen murtii Aadaa ol-dabarfataa kutaalee Magaalaa 12tti tajaajila kennaa jiru.
