Inisheetivootni Misooma Magaalaa, Bu’uura Badhaadhinaati
Inisheetivootni mootummaan bocamanii magaalota keessatti hojiirra oolaa jiran misooma saffisiisuun
jireenya hawaasaa fooyyessuu, carraa hojii uumuu fi diinagdee naannoo fi biyyaa cimsuu keessatti
shoora olaanaa taphachaa jiru.
Naannoo Oromiyaattis, hojiiwwan inisheetivoota magaalaan hojiirra oolaa jiran, oomisha guddaa
argamsiisuun carraa hojii guddaa uumuun galii hawaasa magaalaa guddisuu kessaatti gumaacha
olaanaa taasisaa jira.
Dabalataanis, oomishni kuduraafi muduraa, horsiisni lukkuu, qurxummii, loonii akkasumas biqiltuu
magariisummaa babal’isuun hawaasni magaalaa nyaata madaalawaa qe’ee isaatti akka argatu
taasisuun rakkoo qaala’iinsa jireenyaa akka qolatu ta’aa jira.
Walumaagalatti, inisheetivootni magaalaa naannoo Oromiyaatti hojiirra oolaa jiran, misooma
naannichaa saffisiisuu, carraa hojii bal’aa uumuu fi jireenya hawaasaa fooyyessuun bu’uura
badhaadhinaa ta’uu jalqabaniiru.
Haaluma kanaan, bulchiinsa magaalaa Shaggaritti inisheetivootni magaalaa bal’inaan hojiirra
oolchuun galmoota misooma magaalaa qabame milkeessuuf hojjatamaa jira.
Kilaastarri misooma beelladaa kutaa magaalaa Galaan Guddaatti ijaaramee tajaajilaaf qophaa’aa jirus
kana kan bu’uureffatedha.
