Injifannoowwan Kilabii Atileetiksii Magaalaa Shaggar

Kilabiin Atileetiksii Magaalaa Shaggar wal-dorgommii Shaampiyonaa Atileetiksii Itiyoophiyaa
55ffaa irratti hirmaachaa tureen badhaasa garagaraa argateera
Waldorgommiin Shaampiyoonaa Atileetiksii Itoophiyaa kilabootni 34, akkaadaamii 2, naannolee fi
magaalota 9 irraa atileetotni 1,057 hirmaachisuun Bitootessa 05 hanga 20/2018tti geggeeffamaa ture
guyyaa har’aa goolabamee jira.
Wal-dorgommichi gosoota Ispoortii atileetiksii garagaraan Istaadiyeemii Aday Ababaatti
gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u, kilabiin atileetiksii Magaalaa Shaggaris atileetota 68 gosoota
Ispoortii garagaraa irratti hirmaachisuun badhaasa garagaraa gonfateera.
Dorgommii guyyaa har’aa geggeeffameenis kilabiin atileetiksii magaalaa Shaggar
Fiigicha M5000 dhiiraan 1ffaa fi 4ffaan badhaafamaa medaaliyaa warqee fi dippiloomaa,
Fiigicha M1500 dubaraan 1ffaan medaaliyaa warqee
Fiigicha M1500 dhiiraan 2ffaan medaaliyaa meetii argateera.
Kana malees, kilabiin biskileetii Magaalaa Shaggar wal-dorgommii kilaboota magaalaa Finfinnee
waliin hirmaachaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa har’aas dorgommii Kiroonoo garee Km 33 dhiiraa
injifachuun Waancaa fi meedaaliyaa warqee badhaafameera.
Waliigala kilabiin atileetiksii magaalaa Shaggar wal-dorgommii Atileetiksii Itoophiyaa 55ffaa irratti
dorgomuun meedaaliyaa warqee 5, meetii 5 fi nahaasii 3 waliigala medaaliyaa 13 agrachuun
goolabeera.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

About

The official website of the Shaggar Mayor’s Office, committed to transparent governance and community-centered development.

Contact Info
Follow Us
Shaggar Mayor's Office © 2026. All rights reserved.