Waajjirri Kantiibaa Bulchiinsa Magaalqa Shaggar, Biiroo Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee irraa muuxannoo qooddate

Kaayyoon muuxannoo waljijjiirraa kun, Waajjirichi ergamaa fi ittigaaafatamummaa olaanaa qabu sirnaan bahachuun itti quufinsaa fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf galma qabatee hojjechaa jiru milkeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu Ittigaafatamaan Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Agenyew Fiqiruu himaniiru.
Sagantaan muuxannoo wal jijjiirraan kun qindoominaa fi michooma Bulchiinsi magaalaa Shaggarii fi Magaalaa Finfinnee gidduu jiru cimsuun, milkaa’ina hojiiwwan waloon hojjetamu milkeessuu keessatti gumaacha guddaa kan qabu tahuu Obbo Agenyew himaniiru.
Daawwannaa kanaanis, hoggansii fi hojjettootni Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Shaggar addatti akkaataa komii gaaffiin abboota dhimmaa irraa dhufe itti simatamuu fi keessummeeffamu irratti muuxannoo qooddachuun danda’ameera.
Kana malees, yaa’insa simannaa fi keesummeessa komii abbootii dhimmaa irratti eenyuun maal akka ilaallatuu fi komiin dhufe akkamiin akka deebii argatu irratti muuxannoo qooddachuun danda’ameera.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

About

The official website of the Shaggar Mayor’s Office, committed to transparent governance and community-centered development.

Contact Info
Follow Us
Shaggar Mayor's Office © 2026. All rights reserved.