Mandaroota Moodela Jireenya Fooyya’aaf!

Magaalonni tarsiimoo misooma magaalaa 20/50 hojirra oolchuun mandaroota magaalaa miidhagaa,
qulqulluu fi magariisa taasisuun iddoo jireenyaaf mijataa akka ta’aniif hojjecha jiru.
Tarsiimoo kana milkeessuuf gaheen hawaasa magaalaa iddoo olaanaa waan qabuuf hirmaannaa dam
daneesaa akka taasisuuf hojjetama jiruun bu’aa gaariin argamaa jira.
Kanarra ka’uun manneen dhuunfaa qe’ee isaanii irra hanga raadiyeesii meetira 20 fi dhaabbileen
immoo hanga meetira 50 qulquleessuun miidhagaa fi hawwataa taasisuun irra eegama.
Kana malees, tarkaanfiiwwan lafa magaalomsuu Mootummaan hojiirra oolcheen, bu’uuraaleen
misoomaa guutamuun hawwattummaa fi qulqullina magaalotaa dabaluun bakka jireenyaaf mijataa
taasifamaa jiru. Kunis, magaalota ammayyeessuurra dabree giddu-gala teknoloojii fi tuurizimii
taasisuudhaan dorgomtummaa magaalotaa dabaluun bakka jireenyaaf mijataa taasisaa jira.
Mandaroota moodela ta’anis heddumminaan baasuun danda’amaa jira.
Galma magaalaa Egeree bu’uureffachuun yaadama magaalota jaarraa 21ffaatiin kan hundoofte
magaalaa Shaggarittis, hojiin qulqullina magaalaa eeguu fi magariisummaa magaalichaa dabaluun
mandaroota moodelaa heddumminaan baasuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiruun bu’aa hedduun
galmaa’aa jira.
Kunis, hawwattummaa fi dorgomtummaa magaalichaa dabaluun bakka jireenya lammiif mijataa fi
filatamaa taasisaa jira.
Haaluma kanaan, Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti mandara moodelaa heddumminaan baasuuf
xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

About

The official website of the Shaggar Mayor’s Office, committed to transparent governance and community-centered development.

Contact Info
Follow Us
Shaggar Mayor's Office © 2026. All rights reserved.