Waadaa Gochaan dhugoome !

Mootummaan Badhaadhinaa biyya fakkeenya Badhaadhinaa taateefi fayyadamummaan uummataa
keessatti mirkanaa’e ijaaruuf barii jijjiiramaa irraa eegalee hojiiwwan garagaraa milkeessaa jira.
Hojiiwwan kanneen keessaas bu’uuraalee misoomaa sadarkaa hundatti dagaagsuun hojii
xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jirudha.
Bu’uuruma kanaan waggoottan jijjiiramaa darbanitti sonawwan Ariitii, qulqullinaafi kalaqaan
dabaaluun hojiiwwan misoomaa eegalaman xumursiisuun tajaajilaaf akka qophaa’an taasisuu
akkasumas kanneen hin jalqabamne jalqabsiisuun gaaffiifi fedhii Uummatni misoomaaf qabu
guutuuf hojii hojjetameen bu’aawwan hedduun argamaniiru.
Magaalaa Shaggarittis fedhii, gaaffii fi komee hawaasaa turan hundeerraa furuun Magaalaa egeree,
ammayyooftuufi fakkeenya Badhaadhinaa taate ijaaruuf hundeeffama irraa eegalee hojjetamaa jira.
Hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaa misoomaafi babal’inni uwwisa daandii isa tokko yoo ta’u, hojii
gama kanaan Magaalichatti hojjetameenis fayyadamummaa Uummataa mirkaneessuun waadaan
Uummataaf galame qabatamaan dhugoomaa jira.
Haaluma kanaan, Magaalaa Shaggaritti fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf piroojeektiin
ijaarsa daandii asphaaltii kutaa Magaalaa Galaan marfata Yuunisaa-Galaan- Bishooftuu kiilomeetirri
8.4 baajeta Mootummaa qarshii biliyoona 4’n ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, kunis komeewwan turan
furuufi fedhii misoomaa uummataa deebisuun sochiiwwan hawaas-dinagdee si’eessuu keessatti gahee
olaanaa qaba.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

About

The official website of the Shaggar Mayor’s Office, committed to transparent governance and community-centered development.

Contact Info
Follow Us
Shaggar Mayor's Office © 2026. All rights reserved.