Hundeeffamuun Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Qonnaan Bulaafwabii ta’e!
Diinagdee qonnaan bultootaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedhe
Bulchiinsi magaalaa Shaggar.
Konfiraansiin qonnaan bultootaa jalqabaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar har’a Yaadannoo Injifannoo
Adwaatti gaggeeffamaa jira.
Magaalaan Shaggar yaadama haaraatiin qonnaan bultoota giddu-galeeffachuun kan hundaa’eefi
dhiibama qonnaan bultoota irra gahu hambisuun fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf
xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu Kantibaan Magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsaniiru.
Bakka fayyadamummaa qonnaan bulaan hin mirkanoofne wabii nyaataa mirkaneessuun akka
hindanda’amne hubachuun fayyadamummaa qonnaan bulaa qabatamaan mirkaneessuuf
xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru himan.
Qonnaan bultoota kuma 100 caalaniif leenjiin kennamuu, Sheediiwwan kumni 16 ol ijaaramuu,
Manneen jireenyaa ammaayyaa qonnaan bultootaa 200 baasii Birrii biiliyoona 15 ijaaramaa jiraachuu
kaasan.
Suuqiwwan kuma 1 baasii Birrii biiliyoona 2 oliin ijaaruun qonnaan bultootaaf kennamuu dubbatan.
Jireenyi Qonnaan bulaa bara waliin akka jijjiiramu hojjetamaa jiraachuu eeran Dooktar Tashoomaan.
Waggoota sadan darban keessa Magaalaa ammayyaa tajaajila ammaayyaa kennu, giddugala
diinagdee, beekumsaa fi aadaa ta’e uumuu dandeenyerra jedhanItti Aanaan Kantibaa fi Qindeessaan
Kilaastera Diinagdee magaalichaa obbo Guyyoo Galgaloon.
Shaggar kan qonnaan bulaa, qonnaan bulaanis kan Shaggar ejjennoo jedhuun Qonnaan bulaa qa’ee
isaarratti akka qaama 2ffaatti ilaallamaa ture hundeeffamuun Shaggar wabii ta’uun abbaa biyyummaa
isaa mirkaneessurratti hojii bal’inaa hojjetameen bu’aa gaariin galmaa’uu kaasan.
Qonnaan bultoonni gara Invastimantiitti ce’an caalmaatti bu’aa qabeessa akka ta’an deeggarsi hunda
galeessi itti fufiinsaan taasifamaa jiraachuu eeran.
