Magaalaa Egeree Qonnaan bultoota hammachuunfayyadamummaa Qonnaan bultootaa roga maraan mirkaneessaajirtu; Shaggar

Shaggar magaalaa qonnaan bultoota hammachuun kaayyoo fayyadamummaa isaanii mirkaneessuu
irratti hundaa’ee ijaaramedha. Kunis magaalota biroo keessaa wantoota adda taasisan keessaa isa
tokkodha.
Kaayyoowwan hundeeffama Magaalichaa keessaa inni guddaan buqqaatiifi saamicha lafaa qonnaan
bultoota irra gahaa ture ittisuun, fayyadamummaa isaanii gama hawaas-dinagdeen mirkaneessuudha.
Hojiilwwan hundeeffama Magaalichaa irraa eegalee waggoottan sadan darban keessatti
hojjetamaniin bu’aawwan jajjaboon hedduun galmaa’aniiru.
Hojiin fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuun hojii yeroo gabaabaa keessatti xumuramu
miti. Kanaaf bulchiinsi magaalaa hojii kana itti fufiinsaan xiyyeeffannoo keessa galchee hojjechaa
jira.
Jiruufi Jireenya qonnaan bultootaa ammayyeessuufis ijaarsi mandara moodeelaa qe’ee qindaa’aa
tajaajilootaafi paakeejii guutuudhaan birrii biliyoona 22.5 kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti ijaaramaa
jira.
Bu’aawwan galmaa’an keessaa tokko hojii ragaa abbaa qabiyyummaafi kadaastera lafaa diriirsuudha.
Kunis qonnaan bultootni qabeenya lafaa isaanii irratti mirga abbummaafi wabii guutuu akka
qabaatan taasisuun, rakkoolee saamicha lafaafi wal-dhabdee lafa irratti uumamuu danda’an bu’uura
irraa hir’isa.
Bu’uura kanaan, hundeeffama magaalaa irraa eegalee qonnaan bultootaaf ragaan abbaa
qabiyyummaa dijitaalaa kennamaa jira.
Gama biraatiin, hirmaachisummaa qonnaan bultootaa guddina dinagdee fi sochii investimantii
keessatti cimsuuf haalli mijataan uumameera. Kanaanis waggoottan sadan darbanitti qonnaan
bultoota 937 gara investimentii dameelee garagaraatti ceesisuun danda’ameera.
Kana malees, inisheetiiviiwwan misoomaa bocamuun hojjetamaa jiran keessatti carraan hirmaannaa
isaanii guddisuun oomishtummaafi cehumsa dinagdee keessatti fayyadamaa taasisuun danda’ameera.
Carraawwan dinagdee qonnaan bultootaa gara Magaalaatti babal’isuufis qonnaan bultoota kuma 1
ta’aniif manneen daldalaa dabarfamanii kennamaniiru. Kunis dinagdee qonnaan bultootaa qonnaafi
baadiyyaa qofaa irratti bu’uuree ture jijjiiruun qonnaan bultoota gara Magaalaatti kan hawwatudha.
Gama carraawwan misoomaafi tajaajiloota bu’uuraalee misoomaatiinis hundeeffama dura, qonnaan
bultoonni sababa dhiibbaawwan siyaasaa fi dinagdeetiin carraawwan misoomaa irraa fayyadamuu
hin dandeenye.
Haa ta’u malee, hundeeffama booda bu’uuraalee misoomaa akka daandii, ibsaa, bishaanii fi
tajaajiloota mootummaa sadarkaa adda addaatti diriirsuun hawaasni tajaajila salphinaan akka argatu
taasifameera. Kunis fayyadamummaa uummataa ol kaaseera.
Dabalataanis, Shaggar giddu-gala dinagdee fi industirii ta’uu isaa irraa kan ka’e carraawwan hojii
dargaggootaaf uumamuun hirkattummaa dinagdee hir’isee, jireenya isaanii fooyyeesseera.
Walumaagalatti, Shaggar magaalaa dhiibbaawwan siyaasaa fi hawaas-dinagdeen qonnaan bultoota
irra gahaa turan qolachuun, fayyadamummaa isaanii roga maraan mirkaneessuuf xiyyeeffannoon
hojjechaa jirtudha.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

About

The official website of the Shaggar Mayor’s Office, committed to transparent governance and community-centered development.

Contact Info
Follow Us
Shaggar Mayor's Office © 2026. All rights reserved.